Yeroo ammaatti gaheen midiyaalee, rogeeyyiifi dhaabbilee hawaasa siiviilii maal ta’uu qaba? 

Yeroo amma keessa jirru kanatti gaheen ogeeyyiin midiyaaleefi midiyaalen qaban olaanaa akka ta’e shakkii hinqabu. 

Muuxxannoo biyyaalee biroorraa hubachuun akka danda’amutti yeroo walitti bu’iinsaatti hawaasni odeeffannoowwan mirkanaa qaamolee kunneen irraa argata. 

Haa ta’u malee midiyaalen sababa hanqina dandeettii yookin bilisummaatiin odeeffannoowwan dhiyeessan gara tokkotti kan luuca’an ta’uu hubanna. 

Itoophiyaa keessatti ilaalaa kan jirrus waan kanarraa adda ta’e miti. 

Hanguma midiyaalen walabaafi bilisaa barbaachisan ogeeyyin midiyaa odeeffannoo mirkanaa, waqtaawaafi dhuga qabeessa ta’e ummataaf dhiyeessan ni barbaachisu. 

Yeroo ammaa kanatti Itoophiyaa keessatti hawaasni bal’aan odeeffannoo kan argatu midiyaalerraa ta’uu isaatin midiyaales ta’e ogeeyyiin midiyaa odeeffannoo ummataaf dhiyeessan irratti ofeeggannoo barbaachisaa taasisuu qabu. 

Gaaga’ama sababa odeeffannoo dogongoraan qaqqabu ilaalaa waan jirruf midiyaalen odeeffannoo tokko tamsaasuu isaaniitin dura dhugummaa odeeffanichaa kallattii garaagaraan qulqulleeffachuu qabu. 

Kana malees gaheen midiyaalen gama nagaa fiduutin qabanis olaanaadha. Kunis odeeffannoowwan garee tokkoof looganii dhiyaatan eenyuyyuu kan fayyadan miti. Kanaafis namoota yaadawwan garaagaraa qaban walitti fiduun mariifi falmii adeemsisuun filatamaadha. 

Midiyaalen cinatti dhiibbaa uumtummaan rogeeyyiin qabanis daran olaanaadha. 

Kanaafuu isaanis odeeffannoo tokko maxxansuu/tamsaasuu isaaniitin dura dhugaafi mirkana ta’uusaa sakatta’uu qabu. 

Rogeeyyiin odeeffannoon tokko yaada isaanii kan deeggaru ta’usaatin qofa sirriidha jechuu akka hintaane hubatanii gahee irraa eeggamu bahachuu qabu. 

Sababa odeeffannoo dogongoraa isaan tamsaasanin hordoftootni isaanii dogongora akka hin dalagneef ofeeggannoo gochuunis irraa eegama. 

Gama biraatin dhaabbileen hawaasa siiviilii gurmuu yeroo walitti bu’iinsaatti gahee olaanaa qabanidha. 

Sababbiinsaas dhaabbileen kun walitti bu’iinsa uumame tasgabbeessuun nageenyi akka dhufuf yaadawwan furmaataa dhiyeessuu danda’u. 

Keessattuu mootummaan Itoophiyaa ilaalcha dhaabbilee siiviilif qabu sakatta’uun qaama furmaataa akka ta’anif hojjechuu qaba. 

Dhaabbileen hawaasa siiviilis itti gaafatama isaanii hubachuun fuulleetti bahanii cimanii hojjechuu qabu. 

Waltajjiiwwan marii uumun yaada furmaataa dhiyeessuu qabu. 

Dabalataan dhaabbileen hawaasa siiviilii facaatii odeeffannoo sobaa gama ittisuutiinis gahee olaanaa qabu. 

Hawaasa sadarkaa gadii waliin dhiyeenyaan kan hojjetan ta’uu isaatin akka madda odeeffannoo tokkootti tajaajiluus ni danda’u. 

Odeeffannoowwan birootif akkasumas odeeffannoowan akka isinif mirkaneessinu barbaaddan nubiraan gahuuf marsariitiifi toorawwan midiyaalee hawaasummaa Itoophiyaa Cheek daawwadhaa. 

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::