Imalli Itoophiyaa Cheek kan waggaa tokkoo maal fakkaata ture?

Itoophiyaa Cheek hojii odeeffannoowwan mirkaneessuu hojjechuu erga eegalee waggaa tokko darbeera.

Humna namaa baay’ee muraasaan hojii kan eegale Itoophiyaa Cheek, waggaa tokko darbe keessatti odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa dhibbaan lakka’aman saaxileera.

Kana malees dhaabbatichi fuulawwan/toorawwan miidiyaalee hawaasaa sobaa saaxileera, madda jette jetteewwan gama miidiyaalee hawaasaan tamsa’anii sakatta’uun odeeffannoowwan mirkaneesseera, barreeffamoota hubannoo miidiyaa cimsan dubbistootaaf qoodaa tureera akkasumas gaazexeessitoota 70 ta’anif akkaataa odeeffannoo itti mirkaneessan irratti leenjii kenneera.

Hojiiwwan Itoophiyaa Cheek waggaa tokko darbe keessatti hojjete kunneenis gama miidiyalee hawaasummaatin namoota Miliyoona jaha ta’an bira gahaniiru.

Itoophiyaa Cheek hojiilee kunneen dhugummaafi walabummaa bu’ureeffachuun hojjetaa ture.

Haa ta’u malee imalli waggaa tokkoo Itoophiyaa Cheek qormaatarraa bilisa hin turre.

Odeeffannoo argachuu dhabuu, hanqinni tekinolojii, walxaxaa ta’aa adeemuun amaloota odeeffannoowwan sobaafi kkf rakkoolee numudataa turan keessaa isaan muraasa.

Keessattuu walitti bu’iinsawwan uummamanfi amalootni isaanii hojii odeeffannoo mirkanessuurratti qormaata haaraa fidaniiru.

Yeroo walitti bu’iinsaatti dhimmoota odeeffannoo mirkaneessuuf hudhaa ta’an keessaa tokko immoo qaamolee garaagaraa irraa odeeffannoo argachuudha.

Keessattuu odeeffannoowwan dhimma loltummaafi hariiroo alaa icciitii (classified) ta’uun isaanii hojii odeeffannoo mirkaneessuu ulfaataa taasisu.

Yeroo baay’ee odeeffannoowwan kunneen gaazexeessitoota, qorattootafi namoota biroof kan ifoomsaman (declassified) yeroo dheeraa booda akka ta’e nibeekkama.

Dhimmi odeeffannoowwan haala iddoo walitti bu’iinsaa jiru ilaalchisee bahan mirkaneessuu rakkisaa taasisu inni biraan immoo adda cituu tajaajila bilbilaafi intarneetiiti.

Kunis iddoo taaten tokko itti raawwateera jedhamee odeeffannoo qabatamaa argachuufi dhugummaasaa mirkaneessuuf gufuu ta’a.

Kana malees suuraawwanfi viidiyoowwan iddoo walitti bu’iinsi itti jiruu kaafaman/waraabaman jedhamanii miidiyaalee hawaasummaarratti tamsa’an mirkaneessuf dhabamuun suuraawwan saatalaayitii waqtaawoo rakkoo isa biraati.

Yeroo walitti bu’iinsaatti bal’inaan kan tamsa’u ololli /Propaganda/ dhimmoota hojii odeeffannoo mirkaneessuu ulfaataa taasisan keessaa tokko.

Rakkooleen armaan olitti eeraman kunneen jiraatanillee lammiileen odeeffannoo dhuga qabeessa akka argatanfi hubannoon dhimma miidiyaa irratti qaban akka guddatuuf akkasumas murtoo dhugaafi beekumsa irratti hundaa’e akka murteessaniif Itoophiyaa Cheek tumsa isaa cimsee itti fufa.

Hordoftootni keenyas odeeffannoowwan gama miidiyaalee hawaasummaas ta’e maloota birootin isaan bira gahan ofitti fudhachuufi qooduu isaaniitin dura sirriitti akka xiinxalan gorsina.

Facaatii odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa ittisuufis gahe keessan bahadhaa.

Waa’ee Itoophiyaa Cheek caalmaatti baruuf akkasumas odeeffannoowan akka isinif mirkaneessinu barbaaddan nubiraan gahuuf marsariitiifi toorawwan midiyaalee hawaasummaa Itoophiyaa Cheek daawwadhaa.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::