Gaheen dhaabbileen miidiyaa hawaasaa gama haasaa jibbiinsaafii odeeffannoo sobaa to’achuun qaban maal ta’uu qaba?

Facaatiin haasaa jibbiinsaafii odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasaarratti mul’atu keessattuu yeroo dhiyootii as daran dabalaa dhufeera. 

 

Haa ta’u malee dhaabbileen miidiyaa hawaasaa odeeffannoowwan sobaafii haasaa jibbiinsaa tamsa’an ilaalchisee keessattuu Itoophiyaa keessatti gahee to’annaa gahaa ta’e yeroo bahatan hin mul’atu. 

 

Dhaabbileen kunneen jalqaba yemmuu hundeeffaman odeeffannoowwan namootafii dhaabbilee garagaraan tamsa’an ilaalchisee itti gaafatama akka hin fudhanne himaa turan. 

 

Haa ta’u malee yeroo gara yerootti dhaabbileen miidiyaa hawaasaa kunneen namoota hedduuf madda odeeffannoo ta’aa dhufan. 

 

Kanaafis dhaabbileen kunneen odeeffannoowwan sobaafii haasaawwan jibbiinsaa tamsa’an akka to’ataniif dhiibbaan irratti taasifamuu eegale. 

 

Kanumarraa ka’uunis dhaabbileen miidiyaa hawaasaa humna namaafii tekinoloojii ‘artificial intelligence’ fayyadamuun to’annoo taasisuu eegalaniiru. 

 

Haa ta’u malee dhaabbileen kunneen keessattuu qabiyyeewwan siyaasaa irratti qixa barbaadamuun itti gaafatama fudhatanii yeroo hojjetan hin mul’atu. 

 

Gama kanaan dhumaatii odeeffannoon sobaa mootummaan Miyaanaamaar musliimota Rohingaa ilaalchisee tamsaase qaqqabsiise akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. 

 

Biyya keenya keessattis haasaawwan jibbiinsaa fi odeeffannoowwan sobaa miidiyaalee hawaasaa irratti faca’an dhimmoota keessattuu waldhibdee fi walitti bu’iinsawwan bara 2015 as mul’atan hammeessan keessaadha. 

 

Laafummaan dhaabbileen miidiyaa hawaasaa gama odeeffannoowwan sobaa fi haasaawwan jibbiinsaa to’achuutin agarsiisan biyyootni garagaraa qajeelfamoota to’annoo haasaawwan jibbiinsaafii odeeffannoo sobaa akka baasan taasiseera. 

 

Biyyoota qajeelfamoota haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa raggaasisan keessaa Awustiraaliyaa fi Singaapor ni argamu. 

 

Laabsiin Itoophiyaan haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuufii to’achuuf raggaasiftes dhaabbilee garagaraaf itti gaafatama kan kennedha. 

 

Labsichi “dhaabbatni tajaajila miidiyaa hawaasaa kennu kamiyyuu facaatii haasaa jibbiinsaafii odeeffannoo sobaa to’achuufii dhaabsisuuf tattaaffii gochuu qaba. Dhaabbattichi facaatii haasaa jibbiinsaafii odeeffannoo sobaa ilaalchisee wayita eeruun isa qaqqabutti sa’aa 24 keessatti ergaa ykn haasaa jedhame haquu qaba” jedha. 

 

Haa ta’u malee mootummootni seerota/qajeelfamoota akkanaa baasuun odeeffannoowwan miidiyaa hawaasaarratti tamsa’an yemmuu to’atanitti mirga yaada ofii ibsachuu namootaa yeroo sarban mul’ata.  

 

Yaadawwan akka furmaataatti fudhatamuu danda’an sadi:

 

1.     Dhaabbileen miidiyaa hawaasaa namoota qabiyyeewwan maxxanfaman hordofan (content moderators) baay’inaan qacaruu isaan barbaachisa. Dhaabbilee isaanin ala jiran fi waliin hojjetan (outsourced companies) caalaatti tokkon tokkon biyyaalee keessatti nama qacaruu qabu. Namootni kunis aadaa fi afaanota biyya sanaa kan beekan ta’uu qabu. Biyya akka Itoophiyaa kan fayyadamtootni Feesbuukii miiliyoona torbaa ol itti jiran fi odeeffannoon afaanota garagaraan itti maxxanfamu keessatti namoota qabiyyeewwan maxxanfaman hordofan (content moderators) qacaruu qabu. 

2.     Dabalataan dhaabbileen miidiyaa hawaasaa odeefannoowwan soba ta’uun isaanii mirkanaa’e toora isaaniirraa haquu qabu. 

3.     Akkasumas akkaawuntii fi fuulawwan sirrii ‘verify’ gochuu fi kunneen namoota fi dhaabbilee garagaraa fakkeessuun banaman immoo cufuun/haquun itti gaafatama isaanii bahachuu qabu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::