Daa’imman miidhaawwan odeeffannoo sobaaf akka hin saaxilamneef maal gochuu qabna?

Jabana tajaajilli intarneetii akkaan itti babal’ate kana keessatti facaatiin odeeffannoowwan sobaafii dogongoraa rakkoolee dhala namaa bal’inaan mudataa jiran keessaa isa tokkodha.

Namootni dhuunfaafii dhaabbileen ajandaa siyaasaa isaanii galmaan gahachuuf, maallaqa fi beekamtii argachuuf akkasumas ta’e jedhanii namoota goyyomsuufii miidhaa qaqqabsiisuuf odeeffannoowwan sobaa gama intarneetaan tamsaasu.

Kutaalee hawaasaa odeeffannoowwan sobaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko immoo daa’immani.

Odeeffannoowwan sobaa marsaalee hawaasaa dhiyeenya kana Itoophiyaa keessatti daa’immaniin baay’inaan daawwataman kunneen akka ‘Tik Tok’, Yuutuubii fi kunneen biroo irratti tamsa’an daa’imman irratti dhiibbaa kan fidanidha.

Kana malees daa’imman odeeffannoowwan sobaafii dogongoraa maatiifii kununsitoota akkasumas manneen barnootaa keessatti dhagahaniin miidhaawwan xinsammuuf saaxilamuu danda’u.

Haa ta’u malee tumsi daa’imman miidhaawwan odeeffannoo sobaaf akka hin saaxilamne taasifamu hagas mara miti.

Fandiin Daa’immanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii /UNICEF/ rakkoo facaatiin odeeffannoo sobaafii dogongoraa daa’imman irratti qaqqabsiisu kana ittisuuf qaamoleen garagaraa gumaacha taasisuu akka qaban hima.

Haaluma kanaan maatiin, kununsitootni daa’immaniifii barsiisotni dandeettiin waa xiinxaluu daa’immanii akka guddatu fi daa’imman hubannoo miidiyaa akka qabaatnif hojjechuu akka qaban hima.

Hubannoo miidiyaa yeroo jennu waa’ee maddoota odeeffannoo amanamoo, maalummaa odeeffannoo sobaa, miidhaawwan isaa fi kkf hubachiisuu of keessatti qabata.

Gama biraatin seera baaftotni immoo seerawwan fi qajeelfamoota mirgoota daa’immanii irratti xiyyeeffatan baasuu, dhaabbileen tekinolojii itti gaafatamummaa akka qabaatan gochuu fi hojiilee waa’ee miidiyaalee hubannoo uumuu irratti xiyyeeffatan deeggaruu qabu jedha UNICEF.

Dhaabbileen tekinoloojiis imaammatawwan facaatii odeeffannoowwan sobaa irratti xiyyeeffatan baasun humna namaa ramaduufii tekinoloojiiwwan hojii kanaaf gargaaran qixeessun hojjechuu akka qaban hima.

Kana malee waldaaleen siiviilii, hayyootni fi dhaabbileen idil addunyaas dhiibbaa facaatiin odeeffannoo sobaafii dogongoraa daa’imman irratti qaqqabsiisu gama ittisuutin gaheesaanii bahachuu qabu.

Qaamoleen kunneen miidhaa odeeffannoowwan sobaa daa’imman irratti qaqqabsiisan fi milkaa’ina hojiilee ittisaa irratti qorannoowwan taasisuun bu’aasaa dhiyeessun akkasumas kallattii imaammataa bocuun gumaachuu akka qaban dhaabbatichi hima.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::