Odeeffannoo dogongoraa OBN dhimma hojiilee ijaarsa daandii asfaaltii magaala Finfinnee ilaalchisuun qoode

Miidiyaan OBN gabaasasaa yaa’ii idilee 13ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan haasaa Ministirri Mummee Abiy Ahimad ijaarsa daandiin walqabatee dubbatan ilaalchisee odeeffannoo dogongoraa qoodee jira.

Gabaasni miidiyichi MM Abiy wabeeffachuun barreesse, “magaalaa Finfinneetti daandiin asfaaltii KM 470 hojjetamuu danda’eera” jedha.

Haa ta’u malee odeeffannoon fuula Feesbuukii OBN Afaan Oromoo irratti maxxanfame kun haasaa MM walin yemmuu walbira qabamee ilaalamu odeeffannoo dogongoraafii kan Ministira Mummeen hin dubbatamnedha.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad, “waggoota sadan darbanitti magaala Finfinnee keessatti daandiin asfaaltii KM 151 hojjetameera. Xummuramee hojii eegaleera” jechuun miseensoota mana marichaaf ibsa laatan.

Kana malees waggoota sadi fi walakkaa darbanitti magaalicha keessatti daandiin kobilistoonii KM 470 ijaaramuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan birootif marsariitiifi toorawwan midiyaalee hawaasaa Itoophiyaa Cheek kunneen biroo daawwadhaa.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::