Suuraan pirezidaantiin Turkiyee qabatan kun daa’imman Israa’eliin ajjeefaman hin agarsiisu.

Fulbaana 11, 2015

Fuulawwan fi akkaawuntiiwwan Feesbuukii tokko tokko suuraan pirezidaantiin Turkiyee Rajib Tayyip Erdogaan qabatan kun daa’imman Filisxeem humnootii biyya Israa’elin ajjeefaman kan agarsiisu akka ta’e barreessuun qoodaa jiru.

Kunis pirezidaantichi guyyaa kaleessaa haasaa yaa’ii waliigalaa 77ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti taasisaniin hoggantoota biyyootaaf kan agarsiisan akka ta’es barreessaniiru.

Fakkeenyaaf fuulli Feesbuukii ‘Toosh Tarree Page’ jedhamufii hordoftoota Kuma 100 ol qabu pireezidaantichi “yakka waraanaa tsiyoononni Israail daaimmaan Falasxiin irratti raawwataa jirtu suuraadhaan hoggantoota idila addunyaaf agarsiisaan” jechuun odeeffannicha qoode.

Haa ta’u malee Pirezidaant Erdogaan suuraa kana waa’ee hariiroo Israa’el fi Filisxeem osoo hintaane dhimma godaansaa fi gaaga’ama baqattootaa yeroo haasa’an fayyadaman.

Suurichis kan daa’imman Filisxeem humnootii Israa’eliin ajjeefaman osoo hintaanee daa’imman baqattoota bidiruun keessa turan dhidhimuun lubbuun isaanii darbedha.

“Torbee darbe keessa daa’imni ji’a sagalii Assam fi daa’imni umrii waggaa afurii Abdulfahaab jedhaman lubbuu isaanii dhabaniiru” jechuun suuricha kan agarsiisan pirezidaantiin Turkiyee Erdogaan, daa’imman kun wayita gara Giriik seenuuf jedhan bidiruun isaanii humnootii eegdota andaara galaanaa Giriikiin akka dhidhimtu taasifamuu isaatiin lubbuun kan darbe ta’uu himan.

Haasaan pireezidaant Erdogaan daa’imman suuraan isaanii mul’atu kunneen ilaalchisuun taasisanis viidiyoo Yuutuubii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) irratti 2:45:00 irratti argama https://www.youtube.com/watch?v=wpnpBS1Zsts&t=9943s .

Tarkaanfiin Giriik galaana Ejiyaan fi Baha Meditiraaniyaaniitti baqattoota irratti fudhachaa jirtu hammaachuu kan himan Erdogaan, “Giriik karaa seeraan ala ta’een baqattoota ofirraa deebisaa jirti” jechuun qeeqaniiru.

Dhaabbileen idil addunyaas Giriik gochaa kanarraa akka of qusattu dhiibbaa akka taasisan gaafataniiru.

Haasaa pirezidaantichi waldhabdee Israa’el fi Filisxeem ilaalchisuun taasisaniin dhimmichi furmaata akka argatuuf hawaasni addunyaa akka tumsu waamicha dhiyeessaniiru.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::