Itoophiyaan Imbaasishee biyya Ameerikaa /USA/ jiru cufteertii?

Odeeffannoon “Itoophiyaan Imbaasiishee biyya Ameerikaa /USA/ jiru cufteerti” jedhu baay’inaan qoodamaa jira.

Namootni odeeffannoo kana barreessan biyyattiin Imbaasishee Ameerikaa magaala Waashingitan jiru cufuun dabalataan diplomaatota Imbaasicha keessa hojjetan waamushees barreessaniiru.

Odeeffannoo kana mirkaneessuuf Itoophiyaa Cheek dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa kan ta’an Ambaasaaddar Diinaa Mufti bilbilaan haasofsiisera.

Ambaasaaddarichi odeeffannoon ‘Itoophiyaan imbaasiishee biyya Ameerikaa /USA/ jiru cufteerti’ jedhu “soba” jedhan.

Waamamuu diplomaatotaa ilaalchisee “diplomaatin ni waammama deebi’ee deema. Kuni waanuma jiru. Kuni waan haaraa miti” jechuun deebisaniiru.

Odeeffannoowwan birootif akkasumas odeeffannoowan akka isinif mirkaneessinu barbaaddan nubiraan gahuuf marsariitiifi toorawwan midiyaalee hawaasummaa Itoophiyaa Cheek daawwadhaa.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::