Dhugaawwan waa’ee dhibee Maariyyee Jaldeessaa (Monkeypox) 

Yeroo dhiyootii as yaaddoo fayyaa hawaasa addunyaa kan ta’e dhibeen Maariyyee Jaldeessaa yoo xiqqaate biyyoota 30 keessatti mul’ateera.  

Yunaayitid Kingidam, Ispeen fi Porchugaal immoo biyyoota baay’ina lakkoofsa namoota dhibeen kun irratti argameen dursaa jiranidha. 

Hanguma dhibichi biyyoota garagaraa keessatti mul’achaa deemu odeeffannoowwan sobaafii dogongoraa akkasumas kan dhugummaan isaanii hin mirkanoofne baay’inaan tamsa’aa jiru.  

Akka fakkeenyaattis odeeffannoon “dhibichi ta’e jedhamee akka faca’u taasifame” jedhufii kunneen biroon ni argamu. 

Kanaafis odeeffannoowwan dhibicha ilaalchisuun tamsa’an maddoota amanamoo biraa kan dhufan ta’uu morkaneeffachuufii maloota ittisaa hojiirra oolchun barbaachisaadha. 

Keessattuu mallattoo shiftoo qama namaarratti baasun kan beekamu Maariyyeen Jaldeessaa vaayirasii ‘Monkeypox virus’ jedhamuun beekamurraa dhufa.  

Haalli tamsa’ina isaas beeylada irraa namatti fi namaa namatti yemmuu ta’u nama sadarkaa umrii kamirrattuu argamu kan miidhudha.  

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa /WHO/ agarsiisutti Maariyyeen Jaldeessaa beeylada irraa namatti tuttuqqaa dhiiga fi dhangala’aa qaamaan daddarba.  

Namaa namatti immoo tuttuqqii kutaa qaamaa miidhamee/madaa, tuttuqqii dhiigafii dhangala’aa biroo akkasumas meeshaalee vaayirasichaan faalaman tuttuquun daddarba.  

Dabalataan dhangala’aa adeemsa hargansuun afaanfii funyaan keessaa bahaniin kan daddarbu yemmuu ta’u kunis ogeeyyiin fayyaa, miseensotni maatiifii namootni nama dhibichaan qabametti dhiyoo ta’an caalmaatti akka saaxilaman taasisa.  

Namni dhibichaan qabame tokko mallattoolee osoo hin agarsiisin guyyoota shanii hanga 21 turuu akka danda’u ragaan Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa agarsiisa.  

Mallattooleen dhibichaas hoo’i qaamaa dabaluu, bowwoo mataa, dhukkubbii dugdaafii maashaalee, miira dadhabbii akkasumas shiftoo  qaamaa baay’inaan fuulafii miilarratti mul’achuun gara kutaalee qaamaa birootti tamsa’udha.  

Dhibee Maariyyee Jaldeessaa ofirraa ittisuuf tarkaanfilee ittisaa ogeeyyiin fayyaa gorsan raawwachuun barbaachisaadha.  

Maloota faca’iinsa dhibee Maariyyee Jaldeessaa ittiin ittisnu keessaa inni ijoon namootni waa’ee dhibichaafii maloota ittisaa irratti hubannoo akka qabaatan gochuudha.  

Nama dhibichaan shakkame walin wal tuttuquu dhiisuu, yoo tuttuqqiin uumame harka haalaan dhiqachuu fi nama dhibichaan qabame walin meeshaalee mana keessaa waloon fayyadamuu dhiisuun maloota ittisaa keessaa isaan muraasa.  

Dabalataan namoota dhibeen Maariyyee Jaldeessaa irratti argame kophaatti adda foo’uun tursiisuu, omishaalee beeyladootaa bilcheessanii soorachuufii talaallii dhibee Maariyyee Jaldeessaa talaalamuun barbaachisaadha.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::