Akeekkachiisa akkaawuntii Tiwiitaraa sobaa! 

Akkaawuntiin Tiwiitaraa maqaa ‘Grand Ethiopian Renaissance Dam (#GERD)’ jedhuun banamefi hordoftoota 6,000 ol qabu (https://twitter.com/grand_gerd) waa’ee Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa odeeffannoowwan garaagaraa barreessaa jira. 

Guyyaa kaleessaa Adoolessa 01, 2021 immoo “guutinsi bishaanii marsaa lammaffaa Hidha Haaromsaa eegalameera” jechuun kan maxxanse yemmuu ta’u namootnis odeeffannoo kana qoodaa jiru. 

Itoophiyaa Cheek dhugummaa akkaawuntii Tiwiitaraa kana mirkaneessuuf Minsiteera Bishaan, Jallisiifi Anniisaatti akkasumas Waajjira Mana Maree Biyyaalessaa Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaatti kan bilbile yemmuu ta’u dhaabbileen lachuu akkaawuntiin /toorri/ Tiwiitaraa kun kan isaanii akka hintaane nutti himaniiru. 

Dabalataan odeeffannoon dhaabbileen kun guutinsa marsaa lammaffaa hidhichaa ilaalchisee odeeffannoon toorawwan midiyaalee hawaasummaa isaaniirratti  barreessanis hinjiru. 

Odeeffannoowwan akka isinif mirkaneessinu barbaaddan irratti eeruu keessan nubiraan gahuu dandeessu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::