Shamarree Isnaayiparii qabattee hanga dhimma talaallii Covid-19 odeeffannoowwan sobaafi burjaajii bara 2013 keessa

Shamarree Isnaayiparii qabattee hanga dhimma talaallii Covid-19 odeeffannoowwan sobaafi burjaajii bara 2013 keessa

Bara 2013 keessa odeeffannoowwan sobaafi burjaajii heddu gama miidiyaalee idileefi hawaasummaatiin tamsa’aniiru. 

Itoophiyaa Cheekis facaatii odeeffannoowwan sobaafi burjaajii kana hir’isuuf tumsa gochaa tureera. 

Dhaabbatichi odeeffannoowwan dhibbaan lakka’aman dhugaa/soba ta’uu isaanii kan mirkaneesse yemmuu ta’u odeeffannoowwan sobaa bara 2013 keessa tamsa’an 10 bifa kanaan qindeessineerra:

1. Oduuwwan “hiriira deeggarsaa Addabaabayii Masqalaa irratti namootni miliyoona tokkoo ol argamaniiru” jechuun hojjetaman.

Maaltu jedhame?

Angawootni magaala Finfinnee sagantaa xummura duula nu filadhaafi sirna galateeffannaa deeggartootaa Adabaabbayii Masqalaatti taasifamerratti namootni miliyoona tokkoo ol argamuu isaanii beeksisanii turan. Odeeffannoo kanas EBC dabalatee midiyaaleen biroo oduu isaanii keessatti dhiyeessanii turan. 

Dhugaan ture maali?

Adabaabbayiin Masqalaa nama miliyoona tokko qabachuu hin danda’u. Qorannoo Itoophiyaa Cheek mosaajii ‘Map Checking’ jedhamutti fayyadamuun taasiseen adabaabbayichi namootni walitti rukkatanii osoo dhaabbataniiyyuu naannoo namoota 184,500 qabachuu danda’a. 

2. Akkaawuntii sobaa maqaa Profeesar Mararaan banamee miidiyaan CNN irraa wabeeffate

Maaltu ta’e?

Teessoosaa biyya Ameerikaa kan godhate miidiyaan beekamaan CNN guyyaa filannoo biyyaalessaa 6ffaa Itoophiyaa barreeffama mataduree ‘Ethiopians head to the polls amid conflict and raging humanitarian crisis’ jedhu maxxansee ture. 

Odeeffannoowwan CNN barreeffamicha keessatti itti fayyadame keessaammoo barreeffamoota akkaawuntii Tiwiitaraa maqaa dura taa’aa paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo Profeesar Mararaa Guddinaatiin baname irratti maxxanfaman ni argamu. 

Dhugaan jiru maal ture?

Akkaawuntiin Tiwiitaraa kan miidiyaan CNN kan Profeesar Mararaati jechuun bareeffama irraa wabeeffate akkasumas yaadni barreeffame kan kan Profeesar Mararaa hin turre. 

Itoophiyaa Cheek dogongora miidiyaa CNN erga saaxilee booda dhaabbatichi barreeffama maxxansee ture sirreessee jira. 

3. Oduu ‘Ethiopian Herald’ “dhaabbatni gargaarsa namoomaa USAID Aksumitti qorannoo taasiseera” jechuun hojjete.

Gaazexichi maal barreessee ture?

Gaazexaan Afaan Ingliiziin barraa’u ‘Ethiopian Herald’ lola Kaaba Itoophiyaatti mudateen walqabatee “qorannoo dhaabbatni gargaarsaa Ameerikaa (Aksumitti) taasiseen iddoowwan awwaalchaa akkasumas miidhamtootni akka hin jirre mirkaneesse” jechuun gabaasa hojjetee ture. 

Dhugaan maal ture?

Dhaabbatni gargaarsaa USAID magaala Aksumitti qorannoo hin taasisne. Kana malees garee qorattootaas gara magaalichaatti hin ergine. Itoophiyaa Cheek dhimmicha Imbaasii Ameerikaa magaala Finfinneetti argamurraa qulqulleeffachuun odeeffannichi soba ta’uu dubbistootaaf dhiyeessee ture. 

4. Dhimma dubartii meeshaa waraanaa Isnaayipar qabattee mul’atte

Maaltu ta’e?

Suuraan ‘shamarree Monaalizaa Abrahaa meeshaa waraanaa Isnaayipar /Sniper/ qabattee itti mul’attudha’ jedhame midiyaalee hawaasummaarratti baay’inaan qoodamee ture. 

Dhalattuu godina Giddugala Tigraay naannoo Tanbeen kan taate shamarree Monaalizaa Abrahaa Sadaasa 25, 2013 wayita loltootni Eertiraa ishee gudeeduuf yaalanitti harkashee rasaasaan rukkutamuushee Hospitaala magaala Maqalee keessatti argamutti gaazexeessitoota miidiyaa Aljaziiraaf himuunshee ni yaadatama. 

Miidhaa rasaasaan irratti qaqqabeen harkishee akka citu taasifamuus hojjettoota miidiyichaatti himtee turte. 

Dhugaan maal ture?

Qorannoo Itoophiuyaa Cheek shamarree meeshaa waraanaa Snaayipar qabattee mul’atterratti taasiseen shamarreen kun Monaalizaa Abrahaa akka hintaane mirkaneeffateera. 

Shamarreen Isnaayiparii qabattefi namootni heddu “Monaalizaadha” jedhanii barreessaa turan nama biraa akka taates Itoophiyaa Cheek mirkaneessuu danda’ee ture. 

5. Joorj Booltan; angawa dhaabbata biyyaalee gamtoomanii /UN/ duraanii kan suuraan isaanii mala ‘deep fake’ jedhamuun hojjetame

Maaltu ta’e?

Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaafi miidiyaan Walta ergaa “angawaan Dhaabbata Biyyaalee Gamtoomanii duraanii gama miidiyaa hawaasummaa Tiwiitaraatin dabarsaniiru” jedhan oduu isaanii keessatti fayyadamanii turan. 

Oduun midiyaaleen lamaan hojjetanis “namichi kun ‘giddu seentummaan Ameerikaa ce’umsa dimokiraasii Itoophiyaa ni gufachiisa’ jechuun barreessaniiru” kan jedhudha. 

Dhugaan maal ture?

Qorannoo Itoophiyaa Cheek akkaawuntii Tiwiitaraa maqaa Joorj Booltan jedhamuun banamerratti taasiseen suuraan akkaawuntichaa mala ‘deepfake’ jedhamuun fakkeeffamee kan hojjetame ta’uu mirkaneeffate. 

Guyyoota muraasa boodas suuraan akkaawuntii Tiwiitarichaa jijjiirameera. Suuraan haaraan maxxanfame immoo biyya Ameerikaatti bulchaa kutaa biyyaa Tenasii kan turan kan Joon Waayildar ture. 

Turtii yeroo muraasaa boodas akkaawuntiin Tiwiitaraa maqaa Joorj Booltan jedhuun barreeffamoota maxxansaa ture cufameera. 

6. Odeeffannoo “walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa aangoosaanii dhiisanii gara Amerikaatti imaluufi” jechuun tamsa’e

Maaltu jedhame?

Torbee jalqabaa ji’a Fulbaanaa bara 2013 odeeffannoon “walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa aangoosaanii gadi dhiisanii hojii haaraa biyya Ameerikaatti argatanitti imaluufi” jedhu baay’inaan tamsa’ee ture. 

Dhugaan ture maali?

Odeeffannoon walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa ilaalchisee tamsa’ee ture soba ture. 

7. Oduu “talaalliin dhibee Covid-19 jalqaba angawoota mootummaaf kennama” jechuun hojjetame

Maaltu ta’ee ture?

Gaazexaan Afaan Ingliiziin barraa’u ‘Capital’ oduu ‘talaalliin dhibee Covid-19 jalqaba angawoota mootummaaf kennama’ jechuun hojjete gama toora Feesbuukii akkasumas marsariitii isaatin tamsaasee ture. 

Dhugaan maal ture?

Oduu miidiyaan ‘Capital’ jedhamu maxxanse mirkaneeffachuuf Itoophiyaa Cheek Ministira Fayyaa kan ta’an Dr. Liyaa Taaddasa haasofsiisee ture. 

Isaanis talaallichi jalqaba ogeeyyii fayyaafi namoota umriin isaanii waggaa 65 ol ta’eef kan kennamu ta’uu Itoophiyaa Cheekitti himan. 

Dabalataan “angawootni mootummaa muraasni talaallichi kennamuu eegalamuusaatiin walqabateefi kunneen biroof fakkeenya ta’uuf talaallii fudhachuu danda’u” jechuun akka waliigalaatti talaallichi angawoota mootummaaf dursa kennama jedhamuunsaa sirrii akka hintaanes Itoophiyaa Cheekitti himanii turan. 

8. Odeeffannoo “Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa kaadhimamtoota paartilee amantaadhaan qoodee galmeessee jira” jechuun faca’e

Maaltu jedhame?

Odeeffannoowwan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kaadhimamtoota paartilee siyaasaa amantaan qoodee galmeessaa jiraachuu himan miidiyaalee hawaasummaa irratti baay’inaan qoodamanii turan. 

Namootni tokko tokkos “ragaa Boordii Filannootii argame” jechuun barreeffamoota baay’ina kaadhimamtoota paartilee siyaasaafi amtaalee hordofan agarsiisu maxxansaa turan. 

Dhugaan jiru maal ture?

Odeeffannoon “boordichi kaadhimamtoota paartilee siyaasaa amantaan qoodee galmeessaa” jedhu odeeffannoo sobaa ture. 

9. Odeeffannoo “Ameerikaan Itoophiyaanota lamummaa Ameerikaa hinqabne biyyaa baasufi” jechuun tamsa’e

Maaltu jedhame?

Ji’oota muraasa dura odeeffannoon “Ameerikaan Itoophiyaanota lamummaa Ameerikaa hin qabne biyyattii keessaa baasuf wixinee seeraa qopheessiteerti” jedhu midiyaalee hawaasummaa irratti bal’inaan qoodamee ture. 

Dhugaan maal ture?

Dhugummaa odeeffanichaa mirkaneeffachuuf Itoophiyaa Cheek Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa Waashingitan DCti argamu kan gaafate yemmuu ta’u waajjirichis odeeffanichi soba ta’uu Itoophiyaa Cheekitti himee ture. 

10.  Suuraa dubartii beelaan miidhamte “bara 2013 kaafame” jechuun qoodamaa ture

Maaltu ta’e?

Ji’oota muraasa dura suuraan dubartii beelaan miidhamte tokko midiyaalee hawaasummaa irratti bal’inaan qoodamaa ture. 

Namoota “suurichi bara 2013 naannoo Tigraay keessatti ka’e” jedhanfi kunneen “lakki miti” jedhan gidduuttis falmiin cimaan ummamee ture. 

Dhugaan maal ture?

Qorannoo Itoophiyaa Cheek suuricharratti taasiseen suuraan dubartii beelaan miidhamte bara 1977 kan kaafame ta’uu mirkaneeffateera. 

Suurichis ogeessa suuraa Joon Ayizaak jedhamuun Dhaabbata Biyyaalee Gamtoomaniif kan ka’e ture. 

Dubartiin suuricharratti mul’attus beelaan cimaa miidhamtee tajaajila yaalaa argachuuf gara magaala Maqalee kan deemte turte.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::