“Itoophiyaa keessatti albuudni Yuraaniyeemii argameera” kan jedhuuf Ministeerri Albuudafi Boba’aa maal jedha? 

Tibba kana namootni dhuunfaa akkasumas midiyaalen dijitaalaa “albuudni niwukilara gabbisuuf gargaaru Yuraaniyeemin Itoophiyaa keessatti argameera” jechuun barreessaa turan. 

Dhimma kana akka mirkaneessinuufis eeruwwan heddu nuf ergamaa turaniiru. 

Itoophiyaa Cheek dhugummaa oduu kanaa ilaalchisee Ministira Albuudafi Boba’aa kan ta’an Injinar Taakkalaa Uumaa kan haasofsiise yemmuu ta’u isaanis mootummaan iddoowwan albuudni Yuraaniyeemii jedhamu kun jiraachuu danda’a jedhamee yaadamutti qorannoo taasisaa jiraachuu himan. 

“Ji’oloojistootni keenya ji’oota kudhan darbanif qorannoo bal’aa taasisaa turaniiru. Ammas qorachaa jiru. Kanaafuu dhimma qorannoonsaa hin xummuramne irratti amma dubbachuun sirrii hin ta’u” jechun Injinar Taakkalaan Itoophiyaa Cheekitti himaniiru.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::