Bara haaraa waan haaraan yaa eegallu!

Sobni hojii keenyaafis ta’e haala keessa jirruuf dhimma hubannoo dogongoraafi burjaajii uumuudha.

Ilaalcha dogongoraafi madaalawaa hintaane uumuunis galma sobaa isa ijoodha.

Ejjennoon yookiin murteen ilaalcha dogongoraafi madaalawaa hintaanerra dhaabbachuun fudhatamus dhugaa lafa jiru walin kan wal hin simnefi bu’aan isaatis itti fufiinsa kan hin qabnedha.

Qorannoowwan oduu/odeeffannoowwan sobaa ilaalchisee bara darbe hojjetaman keessaa qorannoon Inistitiyuutiin Nageenyaa Gamtaa Awuroopaa hojjete ni argama.

Qorannoon dhaabbatichi mataduree ‘Fake News Misinformation and Hate Speech in Ethiopia: A Vulnerability Assessment’ jedhuun waa’ee odeeffannoowwan sobaafi haasaa jibbiinsaa Itoophiyaa keessaa qorate.

Akka bu’aan qorannichaa agarsiisutti odeeffannoowwan sobaafi burjaajii akkasumas haasaawwan jibbiinsaa Itoophiyaa keessatti faca’an/tamsa’an matadureewwan muraasa irratti kan xiyyeeffatanidha.

Matadureewwan kunneenis sabummaa, amantaa, sirna hawaasummaafi siyaasaa, Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, Covid-19 akkasumas walitti dhufeenya idil addunyaa irratti kan xiyyeeffatan akka ta’an qorannichi agarsiisa.

Matadureewwan kunneen immoo lammiilee Itoophiyaa kan ilaallatan, jireenya isaanii kallattiin yookin alkallattiin kan miidhan, hundaa ol immoo dandeettiin qalbii namaa hawwachuu dhimmoota kunneenii facaatii odeeffannoo sobaafi burjaajii yaadessaa kan taasisudha.

Kanaafis namni kamiyyuu yeroofi iddoodhaan osoo hin daangeffamiin dhimma odeeffannoo sobaa dhimma ofii gochuun midhaa inni qaqqabsiisu hir’isuuf tumsuu qaba.

Bara darbe keessa garaagarteewwan mariidhaan hiikamuu danda’an sababa odeeffannoowwan sobaafi burjaajiitiin akka malee yeroo bal’atan (hammaatan) ilaallee jirra.

Bara haaraa eegalle kanattis kan darberraa barannee duulli odeeffannoowwan sobaafi burjaajii irratti taasifnu cimuu qaba.

Facaatii odeeffannoowwan sobaafi burjaajii irratti duuluun bu’aafi jijjiirama bakka buutee hin qabne fiduun akka danda’amu Itoophiyaa Cheek ni amana.

Barri haaraan kunis kan darberraa fooyya’aa akka ta’uf odeeffannoowwan sobaafi burjaajii irratt yaa duullu.

Odeeffannoowwan sobaafi burjaajii uumuufi tamsaasuu dhiisuun akkasumas kunneen tamsa’an saaxiluun gahee keenya yaa bahannu.

Wiixata gaarii!

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::