Akeekkachiisa oduu sobaa! 

Feesbuukiin maqaa Ahmed Jamal jedhuun banamefi hordoftoota Kuma 150 ol qabu (https://www.facebook.com/AhmedJamalBoru) “oduu cabsaa” jechuun odeeffannoo sobaa maxxanseera. 

“Egypt Meeshaa waraana Ammayyaa gurguddaa gara gaanfa Afrikaatti fe’aa jirti” jechuun kan barreesse namni kun, laga Abbayyaan walqabatee gaanfa Afrikaatti rakkoon mudachuu akka danda’us barreessera. 

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek suuraawwan inni maxxanse irratti taasiseen odeeffanichi soba ta’uu mirkaneeffateera. 

Suuraawwan kunneen wayita xayyaarotni Ijipt meeshaalee wal’aansa fayyaa biyyattiin Sudaanif arjoomte fe’aa jiran kan agarsiisanidha. 

Midiyaalen garaagaraas Ijipt guyyaa kaleessaa meeshaalee wal’aansa fayyaa toonii 39 bifa gargaarsaan Sudaanif kennuushee gabaasaniiru. 

Odeeffannoowwan mirkanaa birootif marsariitiifi toorawwan midiyaalee hawaasummaa Itoophiyaa Cheek daawwadhaa. 

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::